شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
HAJJI`IIFII UMRAA

duree

 Hajji`iifii umraa

Gatii hajji`iifii umra`aa
Adaba Imaltu`uu
Akkaataa hajji`iifii umraa hidhatuu
gosa hidhanna’aa 
Owwaatinsa ( attalbiya )
Waan nama hajji`iifii umraa hidhaterratti dhoowwamu
naamusa  Makka  seenu'uu
Xawaafa dhufiinsaa
Saysakha
Sa`yii
Arafaa dhaabbatuu
Arafa`arraa gara muzdalifa`aa dacha`uu
Muzdalifarraa gara mina yaa`u
Dalagaa guyyaa iida arafa`aa minatti dalagan
Mina buluu
Xawaafa dhaammanna`aa
umraa
Hajjiin ir`atuun waa afurin
Al`ihsaar ( dhoowwamuu )
Ziyaaraa masjida nabi muhammadiifii
Bid’aa bakka ziyaara’atti dhiifamuu qabdu
Waan nama madiinaa dhaqerraa barbaadamu
Dhuma kitaabaa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
HAJJI`IIFII UMRAA

   
 

 

الرمل

Saysakha

xawaafa sadeen duraa keessatti saysakhu`uufii huccuu harka jalaan fudhatuun ni barbaadama yoo xawaafa sa`yiin boodan dhuftu taye yoo xawaafa dhufaa booda, kan sa`yii godhu taate saysakhaafii , huccuu harka jalaan fudhatuun ni barbaadama yoommoo xawaafa ifaada`aa booda kan godhu taate isaan lamaan xawaafa ifaada`aa keessatti isaan godhu`uuf lakkisa saysakha keessatti wanni je’u

اللهم اجعله مبروراً وسعياً مشكوراً وذنباً مغفوراً

ALLAAHUMMA IJKGALHU HAJJAN MABRUURAN WA SAKGYAN MASHKUURAN WA ZHANBAN MAGHFUURAN

Ma`naan isaa :

Yaa Rabbi dalagaa tiyya tana hajjii qulqulluu hojjaa galata qabdu naa godhi dilii tiyyas dhiifama naa godhi .

Afran boodaa keessatti hin seysakhuu suuta deema afran boodaa keessatti wanni je`u  

رب اغفر وارحم واعف عما تعلم انك تعلم مالا نعلم انك انت الأعز الأكرم اللهم ربنا اننا فى الدنيا حسنة وفى الآخرة حسنة وقنا عذاب النار

RABBIGHFIR WARHGAM WAKGFU KGAMMAA TAKGLAM INNAKA TAKGLAMU MAA  LAA NAKGLAMU INNAKA ANTAL`AKGAZZUL’AKRAM RABBANAA AATINAA FIDDUNYAA HGASANATAN , WA FIL`AAKHIRATI HGASANATAN , WA QINAA KGAZHAABANNAAR .

Ma`naan  isaa :

 { Yaa Rabbi naaf araaramii , rahmata naa godhii, dilii yookaa cubbuu ati beytu , naa dhiisi ati jabaa arja`aa yaa Rabbi , addunya`aa aakhira`atti waan gaarii nuu kenni } jechu`u .

Du`aa`ii tanaan xawaafa hunda fixuun ni barbaadama .

Hajarul`aswad dhungatuun akkasuma ruknii yaman qabatuunis xawaafa hunda keessatti barbaadama.haa tayuu qarii hunda keessatti irra barbaadama.

Hanga xawaafatti jiru hunda waan fedhu Rabbi khadhatuun akkaan barbaadama .waan diinifii dunyaadharraa jaalatu.lubbuu isaatifii nama isaatifii nama islaamaa hundaaf guutu'utti khadhatuun ni barbaadama yoo namni tokko du'aa'ii godhee kuun aamiin je'e ni taya sharxii naman tashuushiniin.

Du'aa'in bakka heddu'utti qeebalamtii , bakkee sanirraa:

 xawaafa keessatti Multazam biratti –Mancarooraa jalatti  Ka'baa keessatti—Zamzama biratti  safaafii marwatti – hoggaa sa'yii keessa jiran takkaa godhan –Maqaama ibraahiim biratti arafaa keessatti – Muzdalifaa keessatti mina keessatti –hoggaa boolla sadeenitti dhagaa darban

Bakkootii dubbanne tana keessatti du'aa'in ni qeebalamt yoo niyaan tolte .  

Xawaafa keessatti Qur'aana qara'uun ni barbaadama ..Du'aa'ii nabiin qara'aa nuun je'an yoo taate malee qur'aana qara'uutu irra caala akkasuma xawaafa keessatti nabirratti rahmata buusun waan gaarii .

8  Xawaafa torban wal faana oofu'uutu gaarii .yoommoo adda babaase ni gayaa haa tayuu jalqabu'uutu irra caala.hanga makka keessa jiru qur'aana qara'ee busu'uuf tattaafata gadhuu.

9  Wanni akkaan barbaadamu qalbii takkaa adabaan xawaafuu.xawaafa keessatti nyaatu'uufii dhuguun ni jibbama . dubbatulleen yoo dubbii gaarii taate malee tan akka waan gaari'itti nama gorsanii waan hamtu'urraa nama dhoowwuudhaa yoo taate hin jibbamu.sanuu yoo hisaabarra hin dheeratin .Ammas hoggaa xawaafan quba walitti diruun .Ammallee  Qa'qa' godhuun ni jibbama akkuma salaata keessatti jibbamu ammas hoggaa fincaan yookaa udaan nam mudde xawaafun ni jibbama, akkusuma hoggaa hawwiin nyaataa takkaa dhugaati'ii namatti akkaan jirtu xawaafun ni jibbama. hoggaa xawaafatti waan laalun hin geenyerraa ija isaa dhoowwuu ,

10  Eega xawaafarraa raaw'atanii raka'aa lama salaatun sunnaa akkaan barbaadamu raka'aa lamaan xawaafaa kana Maqaama ibraahiim biratti salaatan .yoommoo rakkoodhaf dhaban bakkuma namaa mijjooytetti salaatan raka'aa duraa keessatti {suuratulkaafiruuna} qara'an . Lammeysaa keessatti {suuratul'ikhlaasg} qara'an .irra caalan bakka sunnaa xawaafaa itti salaatanii Maqaama ibraahiimi.eegasii hijri ismaa'iili. Eegasii harama ,eegasii bakkuma namaa mijjooytetti..sunnaan xawaafaa waan namichi jiruun hin dabartu .

Namni kira'aan nama xawaafsisu nama isa kireeffaterraa salaata ,wanni gaarin hoggaa xawaafan xawaafa san booda raka'aa lamaan tana salaatuu.ammoo yoo xawaafa hedduu xawaafee, eegasii xawaafa hundaaf adda addaan raka'aa lama lama salaate ni taya. yoo xawaafa hundaafuu raka'aata lama qofa salaate ni gaya .

Akkan reefu je'e  : raka'aa xawaafaa lamaanirraa kan duraa keessatti faatihgaadhafii suuraa kaafiruunati qara'a. kaan keessatti faatihgaadhafii suuraa ikhlaasati qara'a kun karaa irra caalu yoo dadhabe suuraa biraati qara'a faatihga'aan wajji . duuba yoo halkan salaate qooqa ol fuudheti qara'a .hanga nama dhageessisutti hanga nama hin tashuushinetti.yoo guyyaa taate qooqa gad qabateeti qara'a hanga lubbuu ifii qofa dhageessisu takkattii yoo eega xawaafarraa raaw'atee salaata fardi'ii yookaa sunnaa biraa salaate sanumaatu sunnaa xawaafarraa bakka dhaabbata yoo niyyate .

Eega sunnaa xawaafarraa raaw'atee du'aa'ii godhatuun ni barbaadama. Du'aa'ii asitti je'amturraa  takka hunoo tana :

 } اللهم هذا بلدك الحرام ،والمسجد الحرام ، وبيتك الحرام .وانا عبدك ، وابن عبدك ، وابن امتك،  أتيتك بذنوب كثيرة ، وأعمال سيئة ، وهذا مقام العائذ بك من النار . فاغفرلى ذنبى  .انك انت الغفور الرحيم . اللهم انك دعوت عبادك الى بيتك الحرام، وقد جئت طالبا رحمتك. مبتغيا مرضاتك .وانت مننت على بذلك فاغفرلى وارحمنى ، انك على كل شيء قدير . وانك انت الغفور الرحيم . اللهم انك تعلم سرى ، وعلا نيتى، فاقبل معذرتى ، وانك تعلم حاجتى ، فأعطنى سؤلى، وتعلم ما عندى ، فاغفر لى ذنوبى . اللهم انى اسألك ايمنا يباشر قلبى ، ويقينا صادقا حتى اعلم انه لن يصيبنى الا ما كتبته لى ، وارضنى بما كتبته على . {

ALLAAHUMMA HAAZHAA BALADUKALHGARAAM, WALMASJIDULHGARAAM ,WA BEYTUKALHGARAAM ,WA ANA  KGABDUKA WABNU KGADIKA WABNU AMATIKA ,ATEYTUKA BI ZHUNUUBIN KATHIIRAH .WA AKGMAALIN SAYYI'AH .WAHAAZHAA MAQAAMUL KGAA'IZHI  BIKA MINANNAAR.FAGHFIRLII ZHANBII, INNAKA INTALKGAZIIZURRAHGIIM . ALLAAHUMMA INNAKA DAKGAWTA KGIBAADA KALAA BEYTIKALHGARAAM. WAQAD JI'TUKA XAALIBAN RAHGMATAKA MUBTAGHIYAN MARDGAATIKA. WA ANTA MANANTA KGALYA BI ZHAALIKA FAGHFIRLII WARHGAMNII INNAKA KGAA KULLI SHEY'IN QADIIR. ALLAAHUMMA INNAKA TAKGLAMU SIRRII , WA KGALAANIYATII FAQBAL MAKGZHIRATII WA INNAKA TAKGLAMU HGAAJATII FA AKGXINII SU'LII . WA TAKGLAMU MAA KGINDII  FAGHFIRLII ZHUNUUBII ,ALLAAHUMMA INNII AS'ALUKA IIMAANAN YUBAASHIRU QALBII WA YAQIINAN SGAADIQAN ,HGATTAA AKGLAMA ANNAHUU LAN  YUSGIIBANII ILLAA MAA KATABTA LII  WA ARDGINII BIMAA QADGEYTAHUU KGALAYYA .}

Ma'naan isaa :

{ Yaa Rabbi isiin tun biyya tee tan kabajaa qabdu. Masjida kee kan kabajaa qabu .Mana kee kan kabajaa qabuu. anis gabricha kee ilma gabricha keetitii. ammallee ilma gabrittii teetitii, dilii heddu'uunan sitti dhufee ammallee dalagaa badduu heddu'uunan sitti dhufee bakkeen tun bakaa namni ibiddarraa sitti maganfate dhaabbatee balleessaa tiyya hunda naaf araarami ati kan dilii namaaf araaramee rahmata namaaf godhuu .yaa Rabbi ati gabroottan kee gara mana keetii kan kabajaa qabuu yamtee jirta. duuba  ana rahmata kee barbaadafan ammallee jaalala tee barbaadafan dhufee, asuma dhufuu kana siitu na badhaasee, odoo ati na qunnamsiisuu baattee , silaa dhufuu hin dandayuu Yaa Rabbi dilii tiyya naaf araaramii Rahmata naaf godhi.ati kan waa hunda dandayuu.Yaa Rabbi ati waanin an dhoyseefii waanin an mul'ise dalage hunda ni beytaa waanin an himadhe narraa qeebali. na maari .dilii tiyya hunda.Yaa Rabbi ati haajaa tiyya hunda ni beytaa waan an si khadhe hunda  naa  kenni .yaa Rabbi waanin an qabu ni beytaa , cubbuu tiyya hunda naaf araarami . Yaa Rabbi imaana qalbi'iitan si khadhadhaa iimaana qalbii tiyyaan addan baane naa kenni yaa Rabbi hubantii dhuga'aatin si khadhadhaa yaqiina naa kenni. hangan waan ati naaf dabasite malee, waa nan tuqanii beekhutti . Yaa Rabbi waan natti murte na jaalachiisi}jechuu.                              

Du'aa'ii hajarul1`aswadiifii hulaa beyti'ii jiddu'utti { Multazam }biratti godhatanirraa takka honoo tan as deemtu tana :

الحمد لله حمدا يوافى نعمه ويكافئ مزيدها   

ALHGAMDU LILLAAHI HGAMDAN YUWAAFII NIKGAMAHUU WA YUKAAFI'U MAZHIIDAHAA

Ma'naan isaa :

{ yaa Rabbi faarun teeti faaruu ni'mata kee , waan ati naa kennite geessu tan qananii ati naa kennite hundatti qixxooytu } jechuu.

Bakka tanatti waan fedhe afaan fedheen Rabbi khadhata. lubbuu ifiitifii haadhaa abbaa isaatifii ilmaan isaatifii,obboleeyyan isaatif du'aa'ii godha .du'aa'in bakka tanatti ni qeebalamtii

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com